Fana: At a Speed of Life!

Buqqaatota Wallaggaaf deeggarsi Birri miiliyoona 10’tti tilamaamamu taasifame

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2015 (FBC) – Dhabbanni Tola oltuummaa Tumsa Lammiif, sababa nageenyaan lammiilee Godinaalee Wallaggaa Bahaa, Wallaggaa Lixaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa qe’ee isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa namoomaa Birrii miiliyoona 10tti tilmaamamu taasise.

Dhaabbatichi Aannaalee godinaalee kanneenii 13 keessaa lammiilee buqqa’aniif deeggarsa midhaan nyaataa, huccuu fi meeshalee gargaara tasisuu Pireezidaantiin Dhaabbatichaa Dooktar Aliima Jibiriil ibsaniiru.

Dhaabbanni tola ooltummaa kun fuldurattii rakkoolee hawaasummaa biyyattiirratti hojjechuuf karoora qabaachuus ibsaniiru.

Dhabbanni Tola Ooltummaa Tumsa Lammiif deeggarsa namoomaarratti hojjechuuf mootummaarraa eeyyama argachuun barsiisoota Yuunvarsitii Wallaggaan Bara 2014 kan hunda’eedha.

Galaanaa Tasfaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.