Fana: At a Speed of Life!

Dorgommiin dorgaadorgee mo’aa mo’attootaa ‘Faanaa Laamroot’ boru ni eegala

Finfinnee, Onkololeessa 18,2015(FBC)- Si’oomina guddaan eegamaa kan ture dorgommiin dorgaadorgee mo’aa mo’attootaa ‘Faanaa Laamroot’ boqonnaa 12ffaan boru ni eegala.

Injifattoonni dorgommiiwwan boqonnaawwan 9ffaa, 10ffaafi 11ffaa boqonnaa kanaan waldorgomu.

Daani’eel Addunyaa, Edan Gabratinsaa’ee, Aluulaa Gabra’amlaak, Abeel Taarraqanyi, Zalaalam Taaddasaa, Yoordaanos Dasyibalawufi Garramawu Gabratsadiq dorgimmicharratti kan hirmaatan yoo ta’u, hojiilee isaanii marsaa lamaan kan dhiyeessan ta’a.

Dorgommichi wayita eegalu daawwattoonni gama ergaa gabaabaan namoota dinqisiifataniif yaada isaanii erguun akka hirmaatan waamichi dhiyaateera.

Dorgommii dorgaadorgee mo’aa mo’attootaa Faanaa Laamroot boqonnaa 12ffaan 1ffaa kan ba’uuf badhaasni Birrii miiliyoona 1 kan qophaa’e yoo ta’u, sagantichi guyyaa boruu sa’aatii 6:00 irraa eegalee tamsaasa kallattiin gama Teelevizhinii Faanaan daawwattoota bira kan ga’u ta’a.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.