Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Dargaggoota Afrikaa boruu eegalee Magaalaa Finfinneetti ni gaggeeffama

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2015 (FBC) –Yaa’iin Dargaggoota Afrikaa jalqabaa boruu eegalee Magaalaa Finfinneetti ni gaggeeffama jedhame.

Hoggansi dargaggootaa biyyoota 50 olii irraa walitti dhufan yaa’iicharratti kan hirmaatan ta’uu Koreen Qindeessitoota Teeknikaa ibsa lateen himeera.

Kaayyoon yaa’ichaa walitti dhufeenya dargaggootaacimsuuf ta’uu Miseensi Koree Qindeessituu yaa’ichaa Dargaggoo Alamaayyoo Saayifuu ibsaniiru.

Yaa’ichi yaadama Paan Afrikaanizimii cimsuu, hirmaannaa fi fayyadamumma dargaggootaa mirkaneessuurratti kan mari’atu ta’uu eeraniiru.

Sagantichaan Hoggantoota Afrikaa duraanii fi qabsaa’ota bilisummaa Paan Afrikaanizimiif badhaasni ni kennama jedhameera.

Yaa’ii dargaggoota Afrikaa jalqabaa kun Galmaa Gamtaa Afrikaatti guyyoota 3f gaggeeffamu ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Alarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.