Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaafi Jibuutiin hariiroo isaanii daran cimsuuf waliigalan

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2015(FBC)- Ityoophiyaafi Jibuutiin hariiroo gam-lamee isaanii daran cimsuuf waliigaluu ibsame.

Walga’iin Komishinii Ministirootaa waloo Ityoophiyaafi Jibuutii magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa ture guyyaa har’aa xumurameera.

Xumura Sagantichaarratti Ittaanaan Muummee Ministiraafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniniifi Ministirri Ministeera Dhimma Alaafi Tumsa Idil Addunyaa Jibuutii Maahimuud Aliin hirmaataniiru jedhame.

Walga’ichi obbolummaan, waliif yaaduuniifi waliif amanamuun kan irratti calaqqise ta’uu Obbo Dammaqaan eeraniiru.

Waggoottan darbe hariiroon diinagdee, siyaasaafi hawaasummaa biyyoota lameenii cimaa dhufuu kaasaniiru.

 

Yeroo ittaanuttis biyyoonni lameen hariiroo isaanii haala faayidaa waloo kabachiiseen cimsuu akka qaban ibsaniiru.

Maahimuud Aliin gamasaaniin, walga’ichi tumsa dameelee garaagaraan biyyoota lameen gidduutti taasifamu cimsuuf kan gargaaru ta’uu dubbataniiru.

Biyoonni lameen hariirii gam-lameesaanii daran cimsuuf waliigaluu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.