Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen oomishaa Chaayinaa Paarkiiwwan indaastirii Ityoophiyaa keessatti akka hirmaatan waamichi dhiyaate

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2015(FBC)- Dhaabbileen oomishaafi abbootiin qabeenyaa  Chaayinaa Paarkiiwwan indaastirii Ityoophiyaa keessatti akka hirmaataniifi warreen jiranis hojiilee invastimantii isaanii akka babal’isan Korporeeshiniin Misooma Paarkiiwwanii waamicha dhiyeesse.

Korporeeshinichi Chaayinatti Ambaasaaddara Ityoophiyaa Tashoomaa Toogaa, Imbaasichatti hogganaa miisiyoonii akkasumas hoggantoota faayinaansiifi diinagdee waliin filannoowwan invastimantii Ityoophiyaarratti gama viidiyoo konfiransiin mari’ataniiru.

Ittaanaa Hojii Raawwachiisaa OIaanaa korporeeshinichaa obbo Shifarraaw Salamoon dabalatee hoggantoonniifi ogeeyyiin  damichaa maricharratti hirmaataniiru.

Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaan, filannoowwan invastimantii paarkiiwwan indaastirii keessatti argaman beeksisuuf hojii korporeeshinichi hojjechaa jiru dinqisiifachuu ragaan korporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.