Duudhaalee waloofi hambaalee kunuunsuun dhaloota dhufuuf dabarsuun gahee Hunda Keenyaati-Obbo Oordiin Badrii
Finfinnee, Onkololeessa 17, 2015(FBC)- Rakkoolee akka biyyaatti mudatan waliin dandamachaa duudhaalee waloofi hambaalee eenyummaa keenya ibsan Kunuunsuun dhaloota dhufuuf dabarsuun gahee hunda keenyaati jedhan Pireezidaantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badriin.
Naannoo Harariitti waltajjiin marii mata duree “Xiyyeeffannoo Hambaa Keenyaaf” jedhuun gaggeeffameera.
Pireezidaantiin naannichaa Obbo Oordiin Badriin haasawaa waltajjicharratti taasisaniin, hambaalee kaleessarraa eenyummaa Keenya ibsaa har’a gahan eegnee dhaloota itti aanuuf dabarsuun gahee hunda keenyaati jedhan.
Magaalaan Harar magaalaa duudhaalee jaalalaa, waldanda’uu fi tokkummaa ta’uun cinatti hambaaleen ishee keessatti argaman qabeenya biyyaa guddaa ta’uu himaniiru.
Kanneen keessaa Dallaan Jagol hambaa seena qabeessa jedhamee hambaa killiyaa Addunyaa UNISCO tti galmaa’ee turus yeroo dhihoo as miidhaa irra gahaa jiru dandamachiisuuf sochiin hawaasaa hirmaachise eegalamuu ibsaniiru.
Sagantaan Maaddii Dallaa Jagoliif jedhu eegalamuufi saganticha sadarkaa biyyaatti itti fufsiisuun sagantaan galii walitti qabuu akka eegalamuuf kallattiin kaa’amee hojitti kan galamu ta’uu eeraniiru.
Nageessoo Kadirtu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.