Biyyoonni Lixaa tokko tokko Ityoophiyaan akka hintasgabboofne hojii ABUT’n baraaruurratti xiyyeeffataniiru-Lawuransi Firiimaan
Finfinnee, Onkololeessa 17, 2015 (FBC)- Biyyoonni Lixaa tokko tokko Ityoophiyaan akka hintasgabboofne hojii garee shororkeessaa ABUT baraaruurratti xiyyeeffachuu Xiinxalaan Siyaasaa fi Diinagdee Ameerikaa Lawuransi Firiimaan dubbatan.
Ityoophiyaan imaammataa milkaa’aa hordoftuu fi dandeettii misoomuu qabduurraa ka’uun dhaabbileen biyyoota Lixaa tokko tokko dhibbaa irraan ga’aa jiraachuun ibsaniiru.
Laawuransi Firiimaan akka dubbatanitti biyyoonni Lixaa Afrikaa to’annoo isaanii jala taasisuun akka fedhan ajajuun fedhiin isaanii olaanaadha.
Ardichatti mootummaa fi biyya cimtuun akka hinjiraanne hojjechaa jiraachuu ibsuun, walitti bu’iinsa kutaa Kaabaa biyyattii babal’isuun biyya dadhabduu uumuuf karoorfatanii hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Mootummaan dhiyeenyaa as birmadumaa biyyattii mirkaneessuuf magaalota ijoo Naannoo Tigiraay wayita qabachaa dhufu mootummaan, ittigaafatamtootaa, dhaabbilee fi miidiyaaleen biyyoota Lixaa dhiibbaa kan uumaa jiraaachuun sababa kanaaf ta’uu eeru.
Qaamoleen kunneen dhiibba Ityoophiyaarraan geessisaa jiran mootummaa isaaniif ergamu uumachuuf karooraa yeroo dheeraa qaban keessaa tokko ta’uus ibsu.
Daayrektarri Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Tewoodiroos Adihaanoom itti gaafatama idil addunyaa cinaatti dhiisuun garee shororkeessa ABUT deeggaruun biyyoonni Lixaa callisaan wayita darbuun fedhii dhokataa duubaan jirurraa ka’uun ta’uu kaasaniiru.
Kana malees, biyyoonni Lixaa tokko tokko waraanaa kutaa Kaabaa murtee hinmadaalleen gareen shororkeessichaa weeraara Naannoo Amaaraa fi Afaaritti raawwataniin lammiilee nagaa gochaa gara jabinaa irratti raawwatame dagachuun isaanii gaddisiisa ta’uu dubbataniiru.
Tokkoon tokkoo dhaabbilee, namootaa dhuunfaa fi biyyoota Lixaa jalqabarratti bulchiinsa biyyatti haaraaf deeggarsa taasisaa turan utuu itti fufanii Ityoophiyaatti rakkooleen yeroo ammaa mudatan hundi hinmudatan ture jedhaniiru.
Ta’us, mootummaan shira waggoota dheeraa qaamolee kanneenii hubachuun tokkummaa cimsuun dhimma garee shororkeessaa ABUT filmaata jiruu kamiinuu fayyadamuun furmaata kennuu qaba jedhaniiru.
Maddi:TOI
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.