Afaar naannawaa muraasatti hojiin sarara elektirikii deebisanii ijaaruu xumurame
Finfinnee, Onkololeessa 16, 2015(FBC)- Aanaalee Naannoo Afaar tajaajilli elektirikii addaan citetti suphaan sararaa, hojiin ijaarsaa fi diriirsi sararaa haaraan xumuramuu tajaajilli elektirikii naannichaa ibse.
Hojii suphiinsaatiin sararaa kiiloo meetira 52.32, sarara giddugaleessaa kiiloo meetira 120.35 fi tiraanisfoormaroota 21 dhaabuun gaggeeffameera.
Gareen shororkeessaa ABUT sababa saamicha buufata humnaa socho’aarratti raawwateen, tajaajilli elektirikii aanaalee Cifraa, Iwaa, Kalwaanii fi Awuraatti buufanni jijjiirraa ijaaramaa jiru wayita xumuramu humna elektirikii akka argatan ragaan Tajaajila Elektirikii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Gama biraatiin, aanaalee Abi’aalaa, Baraahilee, Koonabaa, Irabtii fi Magaallee ammo tajaajila elektirikii akka argataniif hanga miidhaa ga’ee qorachuu fi gara hojii suphiinsaatti seenuuf qophiin taasifamaa jiraachuun ibsameera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.