Namoonni deebii qormaata ministirii kennan jedhaman himataman
Finfinnee, Onkololeessa 16, 2015(FBC)- Qoramtoota qormaataa kutaa 8ffaa irraa maallaqa walitti qabuun deebii qormaataa kan kennan Itti Gaafatamaa mana barumsaa dabalatee namoota shanirratti himanni banamuun ibsame.
Himatamtonni kunneen wayita qormaanni kutaa 8ffaa Adoolessa 28-30, 2014’tti kennamu Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dawaa Mana Barnootaa Sadarkaa 1ffaa Laga Birraatti, Itti Gaafatamaa mana barumsichaa, miseensota poolisii eegumsaa nageenyaa qormaataaf ramadaman waliin ta’uun barattoota qormaata fudhatan 57 irraa deebii qormaataa hojjetamee akka kennamuuf Birrii 100 akka buusan taasisaniiru.
Haaluma kanaan barattoonni 44 tokkoon tokkoo isaanii Birrii 100 fi barattoonni 11 ammoo Birrii 50, walumaagalatti Birrii kuma 4 fi 950 walitti qabuun kan itti fayyadaman yoo ta’u, barattootaaf, deebii gosa barnootaa Baayoloojii, Keemistirii, Fiiziksii, Saayinsii Hawaasaa, fi Barnootaa Siiviksii hojjechuun kennuun ibsameera.
Bu’aan qormaataa wayita ifoomu barattoonni kunneen qabxii darbiinsaa murtaa’ee gadi fiduun mirkanaa’eera.
Haaluma kanaan aangoo seeraan alaa fayyadamanii tajaajiluun yakka malaanmaltummaa cimaadhaan Damee Abbaa Alangaa Waliigalaatti Waajjirri Damee Dirree Dawaa himannaa banuu ragaan Ministeera Haqaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.