Nadhii Gibeetti nadhii dammaaf gaagurri ammayyaa 2000 raabsame
Finfinnee, Onkololeessa 16, 2015 (FBC)- Inisheetiivi misooma dammaa milkeessuuf qonnaan bultootaa Godina Jimmaa Aanaa Nadhii Gibee 400’f gaagurri ammayyaa raabsamuun ibsame.
Aanaa Nadhii Gibeetti gaagura ammayyaa 2000 qonnaan bultootaa 400f raabsuun dammaa toonii 120 oomishuuf xiyyeeffannoon karoorfamee hojjetamaa jirachuu isaa Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Aanichaa Obbo Sulxaan Raayyaa dubbataniiru.
Dabalataan Inisheetivi misooma dammaa milkeessuuf Aanichaatti hanga yoonatti gaagura kumni 5 fi 791 Qonnaan bultootaaf raabsamuu himuu ragaan waajjira kominikeeshinii aanichaarraa argame ni mul’isa.
Bulchaan Aanaa Nadhii Gibee Obbo Qamarzamaan Abbaa Foggii, damma baay’inaa fi qulqullinaan oomishuun faayidaa dinagdee damecharraa argamu dhugoomsuuf gaagura ammayyaa qonnaan bultootaaf dhiyaachaa jiraachuu himaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.