Godina Walloo Kibbaatti balaa Tiraafikaa muudateen lubbuun namoota 3 darbe
Finfinnee, Onkololeessa 16, 2015 (FBC) – Godina Walloo Kibbaa Aannaa Wagiddiitti balaa Tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 3 darbuu ibsameera.
Konkolaataan hojjettoota dhaabbata ijaarsa Daandii fe’ee imalaa ture kufee garagaruun lubbuun namoota 3 yoo darbu, namoota 2 irra miidhaa cimaan qaqqabuu Waajjirri Poolisii aanicha beeksiseera.
Ka’umsi balichaa ariitii seeraan alaa ta’uu itti gaafatamaan nageenya Tiraafikaa aanichaa Ittti aanaan Inispeektaraa Mahaammada Isaan ibsaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.