Fana: At a Speed of Life!

Gamaaggamni raawwii hojii Paartii fi Mootummaa naannoo Oromiyaa kurmaana 1ffaa gaggeeffamaa ture xumurame

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2015 (FBC) – Gamaaggamni raawwii hojii Paartiifi Mootummaa naannoo Oromiyaa kurmaana 1ffaa guyyaa sadiif gaggeeffamaa ture xumurameera.

Gamaaggama raawwii hojii kurmaana 1ffaa guyyaa sadiif gaggeeffamaa tureen ciminoonnii fi hanqinaaleen adda ba’uu Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantiitti Qindeessaan Kilaastera Baadiyyaa Obbo Abdurhamaan Abdallaa ibsa miidiyaaleef kennaniin ibsaniiru.

Hojii paartii fi mootummaa karaa idilaa’een gamaggamaa deemamuun cimina raawwii hojii kurmaana 1ffaa ta’uu kaasaniiru.

Gaggeessaan rakkoo keessa ta’uun hojii karoorfame milkeessuuf tattaaffiin taasifamaa jirus cimina ta’u kan dubbatan Obbo Abdurhamaan, humna waloo akka waliigalaatti jiru fayyadamuun dhimma waloof uummata hiriirsuun cimina hojii raawwii kurmaana 1ffaa ta’uus ibsaniiru.

Hogganaa misoomaa fi diinagdee ta’uudhaan jiruufi jireenya uummataa jijjiiruuf sochiin taasifamaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu Obbo Abdurhamaan ibsaniiru.

Balaawwan qunnaman dandamachuun bira darbuun hojii itti aanuuf of qopheessuuf tattaaffiin taasifamaa jirus fooyyee kan qabu ta’uu gamaggamaa kana irratti ka’eera.

Ciminoota jiran qabachuun hojii itti aanu caalaatti milkeessuuf hanqinoota adda bahan ammoo fooyyessuun hojiileen karoorfameen akka raawwataniif gamaaggamichaan kallattiin kaa’amuus dubbataniiru.

Bu’uuruma kanaan kenni tajaajilaa uummataaf kennamaa jiru hanqina guddaa kan qabu ta’uu adda kan bahee fi gaggeessaan sadarkaan jiru tajaajila mootummaan uummataaf kennu karaa qulqullina qabuu fi ariitiidhaan akka ta’u kallattii itti aanuu keessatti dhimma xiyyeeffannaan hojjetamuu qabuudha jedhameera.

Kana malees hanni rakkoo ijoo fi yeroodhaan furmaata argachuu yoo baate hanga sirna keenya diiguutti akka qaqqabu adda bahuun araarama malee irratti qabsaa’uun sirreessaa deemuun murteessaa ta’uu gamaaggamichaan adda baheera jedhan.

Gama biraatiin gaggeessaan hojii xixiqqaatti quufuun imala daandii dheeraa dagachaa deemuun hanqina ta’uu fi bu’aawwan argaman hundi fayyadamummaa uummataan madaalamuu akka qabu kallattiin kaa’ameera.

Walumaagalatti ciminoota jiran qabachuun hanqinoota ijoo adda bahan karaa ijaarama qabuun rakkoo uummata hiikaa deemuun dhimma murteessaa ta’uu waltajjicha irratti walhubannaa irra ga’ameera jedhan Obbo Abdurhamaan.

Aadaa walgargaarsaa uummata keenyaa cimsuun qaawwa mootummaan qabu duuchuuf sochiin taasifamaa jiruu bu’aan argame jajjabeessaa ta’uu Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantiitti Qindeessaa Kilaastera Hawaasummaa Obbo Abdulhakiim Muluun ibsuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.