Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin waloo Koomishinarootaa Ityoo-Jibuutii 16ffaan magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuu eegale

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2015(FBC)- Yaa’iin waloo  Koomishinarootaa Ityoo-Jibuutii 16ffaan Ministeera Dhimma Alaa Ityoophiyaan qophaa’e Magaalaa Finfinnee hoteela Intar- Leegizhariitti gaggeeffamuu eegaleera.

Yaa’ii komishinarootaa sadarkaa Ministirootaan taa’amu kanaan dhimmoonni hariiroo obboolummaa biyyoottan lameeniifi nageenya gaanfa Afrikaarratti xiyyeeffachuun kan mar’atamu ta’a.

Hariiroo dippiloomaasii diinagdeefi hawaasummaa biyyoota lameenii akka carraa gaariitti fayyadamuun waliin guddachuuf daran hojjechuun murteessaa ta’uu yaa’ichaan eerameera.

Yaa’ichi hanga Onkololeessa 17, 2015’tti kan turu ta’uu ibsameera.

Gammachiis Taarikuutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.