Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Raayyaa Ittisaa Akkaadaamii Paashinitti kabajamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2015 (FBC) – ‘Wareegama dhiigaa fi lafeen aarsaa lubbuuf nuuf kaffaleef kabajni bara baraa Raayyaa Ittisaa Ityoophiyaaf’ mata duree jedhuun Guyyaan Raayyaa Ittisaa Akkaadaamii Paashinitti kabajamaa jira.

Ayyaanichi bakka hojjettoonnii fi barattoonni akkaadaamichaa,miseensonni Raayyaa Ittisaa fi keessummoonni waamichi taasiifameef argamanitti sirnoota garaagaraan kabajamaa jira.

Wareegama qaalii Raayyaan Ittisaa kaffalaa jiruuf kabaja laachuun barbaachisaa ta’uu sirnicharratti ibsameera.

Guyyaan Raayyaa Ittisaa kun akka biyyaatti mata duree ‘Uummanni keenya madda cimina keenyaati’ jedhuun guyyaa har’aa kan kabajamu ta’uu himameera.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.