Fana: At a Speed of Life!

Furtuun guddinaa keenya harka keenyaa jira-MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2015 (FBC)– Furtuun guddinaa keenya harkaa keenyaa jira jechuun Muummeen ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsan

Muumeen ministiraa Abiy Ahimad gamaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti imalaa gara badhaadhinaatti taasifnu kan saffisu dandeettii keessoo keenyaarratti kan bu’uureffateedha.

Dandeettii keessoo keenyaa jechuun, dandeettii ummataan, qabeenyaa seenaa fi umamaa biyya keenyaa akkasumas ogummaa kalaqaa dhalootaa fa’i jedhan.

Qormaatilee rakkisoo keessa darbaallee diinagdee dhaabbataa qormaataa dandamchuu danda’u qabaachuu dandeenyeerra kan jedhan Muummeen Ministiraa Abiy, muraasa ta’us kanaaf sababoonni ijoon dandeettii keessoo keenyaa guutummaatti fayyadamuuf ka’uu keenya jedhan.

Deeggarsa gama kamiinuu kennamu dandeettii keessoo keenyaaf dabalata malee guddina keenya ijoof madda ta’uu hindanda’an jedhaniiru.

Dandeettii keessoo keenyaa fayyadamnee, imala gara badhaadhinaatti taasifnuuf gufuu kan ta’an hinqulqulloofne jedhanii, shira diinagdee, hannaa fi oomisha dhoksuun qormaatilee ijoo ta’uu kaasaniiru.

Kanaan oomisha gara biyya alaatti ergaman dhoksuu, daddabarsa sharafa alaa fi lafa shiraan weerarun gufuulee imala badhaadhinaa keenya murannoon tarkaanfii hatattamaa irratti fudhachuu qabnu jedhaniiru.

Fuulduratti, diinagdee qormaatilee dandamachuu danda’u ijaaruuf qabsoo dameewwan lamaa akka barbaachisu ibsuun, isaaniis ‘Dhabamsiisuu’ fi ‘Misoomsuudha’ jedhan.

Shira diinagdee, hannaa fi oomisha dhoksuu dhabamsiisuun qabsoo hunda keessaa isa murteessaa ta’uu himaniiru.

Gama biraatiin, galii maddisiisuu fi baasii sadarkaa olaanaan hir’isuun qabsoo misoomaa nurraa eegamuudha jedhanii, dameewwan qabsoo kunneen lameen imaammataa fi dandeettii keenyaan guddachuu nu dandeessisu; furtuun guddinaa keenyas harka keenya jira jechuun ergaa dabarsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.