Fana: At a Speed of Life!

Godina Harargee Lixaatti paampiiwwan bishaanii 800 qonnaan bultootaaf raabsame

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2015(FBC)- Godina Harargee Lixaatti hojii misooma jallisii baranaa milkeessuuf paampiiwwan bishaanii 800 qonnaan bultootaafi horsiise bultoota godinichaaf raabsamuu ibsame.

Paampiiwwan kunneen qonnaan bultootaafi horsiise bultoota godinichaa aanaalee 14’f raabsamuu eerameera.

Godinichatti hojii yeroo ammaa jallisii bonaan qamadii misoomsuuf bal’inaan hojjetamaa jiruuf paampiiwwan bishaanii kunneen tumsa guddaa kan qaban ta’uu Itti gaafatamtuun Waajjira Misooma Jallisiifi Horsiisee Bulaa godinichaa Aadde Misraa Mahammad ibsaniiru.

Bulchituu Godinaa Harargee Lixaa Aadde Ikraam Xahaa gamasaaniin ,godinichatti qamadiin kilaastara gannaan lafa heektaara kuma 30 fi 340 irratti misoome gahee sassaabamaa jiraachuu himaaniiru.

Milkaa’ina hojii gannarratti argame jallisii bonaan dabaluuf bara kana jallisii ammayyaa,aadaafi paampiidhaan lafa heektaara kuma 21fi 500 irratti qamadii jallisiin misoomuuf yeroo ammaa facaasaan eegalee jiraachuu ibsuu isaanii ragaan kominikeeshinii godinicharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.