Fana: At a Speed of Life!

Jilli Pireezidaanti Ordiin Baadriin durfamu Neezerlaanditti daawwannaa hojii taasise

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2015 (FBC) –Jilli pireezidaantii Naannnoo Hararii Ordiin Baadriin durfamu Neezerlaanditti daawwannaa hojii taasiseera.

Ityoophiyaatti dhaabbanni ijaarsa piroojektiwwaan bishaan dhugaatii irratti hojjetu Faawundeeshinii “Vayitans Iviidensii” jedhamu Affeerraa jillichaaf taasiseen Neezerlaanditti daawwannaa hojii kana taasisuu ibsameera.

Jillichi turtii Neezarlaanditti taasisuun Faawundeeshinicha waliin hariiroo gama hojiilee bishaaniin jiru cimsuuf akkaataa danda’amurratti mari’ateera.

Gama biraan jillichi Beeljiyeemitti Ambaasaaddara Ityoophiyaa Hiruut Zammanaa waliin dhimmoota garaagaraarratti mari’achuu ragaan Embaasicharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.