Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen lameen kaffaltiin tajaajila galmeessaafi eeyyamaa daldalaa gama Teeleebirriin akka ta’u waliigalan

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2015(FBC)- Ityoo-Telekoomiifi Ministeerri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsi Naannawaa kaffaltiin tajaajila galmeessaafi eeyyamaa daldalaa Teeleebirriin akka kaffalamu waliigaltee waliif mallatteessaniiru.

Maamiltoonni gama Teeleebirriin kaffaltii dabalataa malee bakka jiranirraa kaffaltii tajaajila galmeefi eeyyama daldalaa raawwachuu kan danda’an ta’uu ibsameera.

Waliigaltichi dadhabbiifi dhamaatii maamiltootaa ni hir’isa jedhanii kan amanan ta’uu Ministirri Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Obbo Gabramasqal Caalaan ibsaniiru.

Hojii Raawwachiistuun Ity—telekoom Fireehiywat Taammiruu gamasaaniin, Ityoo-telekoom dhaabbileen teekinooloojiin deeggaramanii adeemsa hojimaataa gaarii akka qabaataniif hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Maamiltoonni kaffaltiiwwan gama Teeleebirriin raawwachuun tajaajila mijataafi si’ataa akka argatan taasisuun isa tokko ta’uu eeraniiru.

Gara fuuladuraattis Ministeericha waliin kan hojjetan ta’uu kaasaniiru.

Dhaabbileen 87 ol gama Teeleebirriin kaffaltiiwwan garaagaraa raawwachaa jiraachuu yaadachiisaniiru.

Saamu’eel Warqaayyahutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.