Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan Ittisaa Magaalota Naannoo Tigraay to’achuu itti fufe – TKM

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2015 (FBC)– Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa haalaa yeroo ilaalchisee ibsa baaseera.

Tajaajilichi ibsa baaseen Raayyaan Ittisa Biyyaa Magaalota Naannoo Tigiraay to’chuu itti fufuu eereera.

Raayyichis magaalotatti waraanaa utuu hingaggeessiin tooftaa humnoota garee shororkeessaa ABUT dadhabsiisuu fayyadamuu ibseera.

Mootummaan Ityoophiyaa dhaabbilee deeggarsa namoomaa waliin qindoomuun naannawaa to’annoo jala oolchetti deeggarsi namoomaa akka qaqqabu hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Dhaabbileen kenniinsa tajaajilaas naannawaalee to’atamanitti tajaajila eegaluuf qophii taasisan akka saffisiisan taasifamaa jiraachuu himeera.

Hawaasa naannawichaa waliin mari’achuun, caasaan bulchiinsa ummataa akka gurmaa’uuf daandii mijeessaa jiraachuu ibseera.

Kun utuu kanaan jiruus Gamtaa Afrikaatiin mariin nageenyaa Afriikaa Kibbaatti gaggeeffamurratti kan hirmaatu ta’uu ibseera.

Carraa mariin nageenyaa kanas walitti bu’iinsicha carraa karaa nagaan furuuf dandeessisuutti kan ilaalamu ta’uu kaaseera.

Raayyaan Ittisa Biyyaas, haalota wareegama kaffaluun qajeelchaa dhufe caalmaan cimsuuf carraa haala mijataa uumu ta’uu ibseera.

Jilli Ityoophiyaa marii nageenyaarratti hirmaatus har’a ganama gara Afrika Kibbaatti qajeeluu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.