Fana: At a Speed of Life!

Hiriirri mormii magaalota Godina Addaatti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 12, 2015 (FBC)- Hiriirri giddu seentummaa alaa mormuu magaalota Godina Addaa Naannawaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Haaluma kanaan hiriirichi Godinichaa Magaalaa Holotaatti kan gaggeeffame yoo ta’u, jiraattonni magaalattii gidduu seentummaa biyyoota alaa fi diinota keessa birmadummaa biyya keenyaa ni mormina jedhan.

Gidduu seentumma birmadummaa biyya keenyarratti taasifamu kamuu waltaanee ni mormina; Biyya keenyaaf sagalee taanee birmadummashees ni tiksinas jedhan.

Kana malees, Bulchiinsa Magaalaa Buraayyuutti hiriirri mormii dhiibbaa biyyoota Lixaa gaggeeffamaa jira.

Hiriira deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi mormii giddu seentummaa biyyoota alaa kanarratt dhaadannoowwan garaagaraa dhageessifamaa jiru.

Hiriirichi kutaalee hawaasaa garaagaraa kan hirmaachise dhaadannoo “Ityoophiyaf nan dhaabbadha; sagalee koo nan dhageessisa” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Akkasumas Jiraattonni magaalaa Duukam hiriiraa mormii kan gaggeessan yoo ta’u gidduu seentummaa biyyoota alaa fi diinota keessaa birmadummaa biyya keenyaa ni mormina jedhaniiru.

“Diinonni keenya Ummanni Itiyoophiyaa, diigaman, bittinnaa’an, walqoqqoodan, walfixan jedhanii utuu nutti moranii, Ummata deebi’ee tokko tahu dha. Dhaloota Adawaati” jechuun sagalee dhageessisanii jiru.

Hiriira deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi mormii giddu seentummaa biyyoota alaa kanarratt dhaadannoowwan garaagaraa dhageessifamaaniiru.

Baayiluu Baanee, Gonfaa Baayyisaa, Olyaad Ahimadtu
gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.