Fana: At a Speed of Life!

Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa milkaa’inaan xumurameera- TKM

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2015(FBC)- Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara  2014 milkaa’inaan xumuramuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Guddinniifi badhaadhinni biyyattii kan mirkanaa’u humna namaa naamusa gaariifi beekumsa qabuun ta’uu eeruun, biyyattiin imaammataafi hojimata bifa kanaan bocuu ibseera.

Jalqabbiin kun karoora barnootaa gadi fageenyaan qoratameen hojiirra oolee mul’achuu eerameera.

sirna barnootaa haaraa qopheessuun hojiirra oolchaa jiraachuu ibsuun, hoggantoonni barnootaa, barsiisonniifi maatiin qindoomina olaanaan hojjechaa jiraachuu kaaseera.

Qaama hojii jijjiiramaa kanaa kan ta’e hojiin barattootaa haqa qabeessummaaniifi karaa saayinsawaa ta’e madaaluu jijjiirama guddaa agarsiisuu ibseera.

Qaama jijjiirama kanaa kan ta’e qorumsi kutaa 12ffaa bara 2014 karaa milkaa’ina qabuun xumuramuu eeruun, adeemsa kenniinsa qormaataa saayinsii hawaasaarratti ciminoonniifi hanqinaaleen mul’atan gamaaggamamuun hojiin kenniinsa qormaata saayinsii uumamaarratti hojjetame bu’aa qabeessa ta’uu addeesseera.

Sagantaan kenniinsa qormaata saayinsii uumamaa guutuu biyyattiitti milkaa’inaan xumuramuu ibseera.

Qormaatichaaf barattootaafi barsiisota miiliyoona tokkotti dhiyaatan bakkaa bakkatti sochioosuu, nyaachisuu, bulchuu, fayyaa isaanii eeguufi nagenya eegsisuu danda’uun dandeettii biyyattiitti ijaarame kan mul’isu ta’uu eereera.

Uummanni naannawaa qormaatichi itti kennamu jiraatan barsiisota qormaaticha qoruuf deeman jaalalaan simachuun, aadaafi duudhaa isaa qooduunfi bakkeewwan hawwata tuurizimii daawwachiisuun obbolummaa uummattoota biyyattii cimsuu ibseera.

Qaamolee milkaa’ina qormaatichaaf qooda isanii ba’atan mara mootummaan kan galateeffatu ta’uu eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.