Fana: At a Speed of Life!

Godina Baalee Bahaatti paampiiwwan 600 waldaaleef raabsame

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2015 (FBC)– Waajjirri Misooma Jalliisii fi Horsiisee Bultootaa Godina Baalee Bahaa paampiiwwan mootoraa 600 waldaalee 600f raabseera.

Itti Gaafatamaan Waajjirichaa Obbo Jeeylan Adam, godinichatti hojii misooma jalliisiin jiruu fi jireenya hawaasaa jijjiiruuf paampiiwwan bishaanii 600 hojii misooma jallisiif oolan aanaalee godinichaa 7’f raabsameera jedhan.

Obbo Jeeylan paampiwwwan mootoraa kanarraa hawaasni kumni 5fi 657 fayyadamoo akka ta’an eeruu ragaan Kominikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.

Godinichatti bara kana lafa heektaara kuma 10 jallisiin misoomsuuf hojjetamaa jira jedhameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.