Fana: At a Speed of Life!

Iraan aanga’ootaa fi dhaabbilee Ingilizirraa qoqqoobbii keesse

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2015 (FBC) – Iraan aanga’ootaa fi dhaabbilee Ingiliz Shororkeessitoota deeggaran jechuun qoqqoobbii irra keesseerti.

Ministeerri Dhimma Alaa Iraan dhaabbilee fi namoota dhuunfaa Ingiliz shororkeessitootaa fi garee shororkeessitootaa deeggaran, jajjabeessaan,  haleellaa fi jibbiinsa kakaasaanii fi sarbama mirga namoomaa qaqqabsiisan deeggaranirra qoqqoobbii kaa’uu ibseera.

Tarkaanfichi akkaataa seeraa fi dambii bu’uura taasiisaan kan fudhatame ta’uu Ministeerichi ibsa miidiyaa hawaasummaa isaani baaseen himeera.

Iraan gochaalee Ingiliz waliin ta’uun hokkoraa fi shororkeessummaa gurmeessuu, sarbama mirga namoomaa deeggaruun raawwatameef mootummaan Ingiliz kan itti gaafatamu ta’uu ibsiteerti.

Giddu galli Nageenya Saayibaraa Biriitaaniyaa, Manni Hojii Kominikeeshiinii, Miidiyaan Voolaanti, Giloobaalii fi DMAn dhaabbilee qoqqoobbiin irra kaa’ame keessatti kan argaman ta’uu ibseera.

Ministir Deetaan Ministeera Tikaa Biriitaaniyaa Toom Tuugeendaat, Ajajaa Waraanaa Galoo Galaanaa Ingiliz Maakiiroon dabalatee namoonni dhuunfaan biroo qoqqoobbii kana keessatti hammatamaniiru jedhame.

Namoonni kunneen Viizaa Iraan akka hin argannee fi gara biyyattii akka hin seenne dhorkamaniiru jedhame.

Qabeenyi Iraan Keessaa qabanii fi Lakkoosfi Herreegaa Baankii isaanii dhorkamuu CGTN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.