Fana: At a Speed of Life!

Balaawwaniin lammiilee Naannoo Kibbaa buqqa’aniif deeggarsi Birrii miiliyoona 320 taasifame

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2015 (FBC)– Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa balaawwan uumamaa fi namtolcheen lammiilee Naannoo Kibbaarraa buqqa’an deebisanii dandamachiisuuf deeggarsa Birrii miiliyoona 320 taasise.

Ministirri Ministeerichaa Aadde Caaltuu Saanii deeggarsicha Pireezidaantii Naannoo Kibbaa Obbo Ristuu Yirdaatti kennaniiru.
Wayita walharkaa fuudhiinsichaatti Aadde Caaltuun akka jedhanitti, lammiilee balaa umamaa fi namtolcheen buqqaa’an deebisanii dhaabuuf hojjetamaa jira.

Akkasumas sababa waraanaa kutaa Kaabaa biyyattiin bu’uuraalee misoomaa gareen shororkeessaa ABUT mancaase ijaaramaa jiraachuu dubbataniiru.

Baatii sadii kan hinguunnee keessatti ijaarsi dhaabbilee 18 akka gaggeeffamee, kunis dukkana keessatti ifni akka jiruuf argisiistuudha jedhan.

Obbo Ristuu Yirdaa gama isaaniin ministeerichi lammiilee balaawwan uumamaa fi namtolcheen buqqaa’an deebisanii dhaabuuf tattaaffii taasisaa jiru dinqisiifataniiru.

Sababa waraanaan miidhaa gareen shororkeessaa ABUT geessise dandamachuuf mootumman naannicha tumsa taasisaa turuu yaadachiisaniiru.

Bara darbe balaawwan uumamaa fi namtolcheen lammiilee buqqa’anii turan kuma 123 naannawaa jireenyaa isaaniitti deebisuu ibsanii, lammiilee kuma 90 ol buqqa’aanii jiran deebisanii dandamachiisuuf hojjetamaa jiraachuu himuu isaanii ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.