Fana: At a Speed of Life!

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad mana barnootaa kennaa addaa eebbisiisan

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2015 (FBC)– Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Magaalaa Buraayyuutti kan ijaarame Mana Barnootaa Kennaa Addaa eebbisiisaniiru.

Manni barnootichaa lammiileen Ityoophiyaa kennaa addaa qaban kennaa isaanii bakka itti ifa baasaniidha jedhameera.

Yeroo ammaa manneen barnootaa fi yuunivarsitiiwwan Ityoophiyaa sadarkaa garaagaraa keessatti lammiileen kennaa addaa qaban jiraachuun akeekameera.

Kanneen kennaa addaa qaban, kennaa isaanii dagaagsuun gara oomishaa fi tajaajilaatti geeddaruuf turtii barnootaa isaanii xumuruun dirqama akka ta’e yookaan hanga haalli mijataan tokko uumamutti qisaasamee akka hafu ibsameera.

Manni barnootaa dagaagina kennaa addaa har’a eebbifames rakkoo kana kan hambisu ta’uun eerameera.

Manni barnootichaa kanneen kennaa addaa qaban adda baasuun barnootaa idileerraa utuu hinfagaatin kennaa isaanii kan itti dagaagsan ta’uun himameera.

Manni barnootichaa bakka bultii, galma nyaataa, gamoo bulchiinsaa, giddugala wal’aansaa, kutaalee barnootaa, mana yaalii, mana kitaabaa fi woorkishooppiiwwan kan qabuu ta’uun ibsameera.

Dabalataan, galteewwan tajaajiloota hunda kennaniin kan guutamee ta’uu sirna eebbaa kanarratti himameera.

Alaazaar Taaddalaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.