Fana: At a Speed of Life!

Jilli Aadde Adaanach Abeebeen durfamu Boonas Ayiras gale

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2015 (FBC)- Jilli Kantiibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen durfamu  Fooramii Kantiibota Addunyaa C40 irratti hirmaachuuf Arjantiinaa Boonas Ayiras galeera.

Aadde Adaanech Kantiibaa Magaalaa Boonas Ayiras Hooraachiiyoo Roodiriigaz Laareetiifi Baankii Misooma Afrikaatti Hogganaa Damee Bu’uuraalee Misoomaafi Guddina Magaalotaa Oolee Istuudiraap waliin hariiroo gam-lameerratti mari’achuu ibsameera.

Mariin isaanii sirna dhabamsiisa balfaa fi eegumsa qabeenya qilleensaa magaalotaa, sektara barnootaafi misooma geejjibaa irratti waliin hojjechuufi muuxannoo waliif qooduu irratti kan xiyyeeffate ta’uu eerameera.

Kana malees hariiroo gam-lamee magaalotaa cimsuurratti marii bal’aa taasisuu ragaan waajjira kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.