Fana: At a Speed of Life!

Boordiin Filannoo Biyyaalessaafi Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Ityoophiyaa sanada waliigaltee waliif mallatteessan

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2015 (FBC)- Boordiin Filannoo Biyyaalessaafi Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Ityoophiyaa sanada waliigaltee waliif mallatteessuu ibsame.

Waliigalticha Walitti Qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Burtukaan Miidhaksaafi Walitti Qabaan Mana Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Ityoophiyaa Mabraatuu Alamuu mallatteessaniiru.

Waliigaltichi kan mallatteeffame kaayyoo sanada waadaa paartilee gidduutti Bitootessa 2011 mallatteeffame milkeessuuf manni marichaa taasisuuf boordichi deeggarsa akka taasisuuf ta’uu ibsameera.

Dabalataanis manni marichaa bu’uura  itti gaafatamummaa sanada waliigaltichaan itti kennameen deeggarsicha kaayyoo kaa’ameef hojiirra oolchuu isaa mirkaneessuuf ta’uu eeramera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.