Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Naannoo Beenishaangul Gumuz SDUG waliin waliigaltee mallatteesse

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2015 (FBC)- Mootummaan Naannoo Beenishaangul Gumuzii fi naannichaatti hidhannoon kan socho’u Sochiin Diimokiraatawaa Ummata Gumuz rakkoolee mariin furuuf waliigaltee nageenyaa mallatteessaniiru.

Sanada waliigaltee nageenyaa kanas Pireezidaantii Naannichaa Obbo Ashaadilii Hasanii fi Dura Taa’aa Sochichaa Obbo Giraanyi Guddataa Magaalaa Asoosaatti har’aa mallateessaniiru.

Waliigaltee nageenyaa kanarratti Qindeessaan Komaandpostii Raayyaa Ittisa Biyyaa Naannoo Beenishaangul Gumuz Meejer Jeneraal Amdee argamaniiru.

Pireezidaantiin Naannichaa Obbo Ashaadilii Hasan sirni waliigaltechaa, heera mootummaa haalaa kabajeen mariirratti kan bu’uureffatteedha jedhan.

Waliigaltechi hoggantoonni sochichaa, jaarsoliin biyyaa fi qaamoleen dhimmichi ilaallatu waliin mari’achuu eeruun waliigalteerraa ga’uus dubbataniiru.

Rakkoolee nageenyaa naannichatti mudate mariin furuuf tattaffii taasifame keessatti jaarsoliin biyyaa gahee olaanaa bahataniirus jedhan.

Dura Taa’aan Sochichaa Obbo Giraanyi Guddataa gama isaaniin, nageenyaaf jecha waliigaltee naannicha waliin mallatteessanitti gammaduu ibsaniiru.

Misooma mariirratti bu’ureffate dhugoomsuuf akkasumas, gahee gama isaanii bahachuuf akka hojjetan dubbataniiru.

Ummataaf kan yaadnu yoo ta’e kan hanga ammaa ni gaha kan jedhan jaarsoliin biyyaa, tokkummaan nageenyaa fi misooma mirkaneessuun nurraa eegama ibsan.

Waliigaltechi rakkoollee karaa nagaan waliin mari’achuun furuu fi Godinaa Matakkalii fi Kamaashiitti nageenya amansiisaa mirkaneessuuf, akkasumaas, ummanni fayyadamummaa misoomaa akka mirkaneeffatuuf kan kaayyeffate ta’uu ragaan kominikeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.