Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanech hariiroo magaalotaarratti kantiibota biyyoota garaagaraa waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2015 (FBC)- Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee hariiroo magaalotaarratti kantiibota Magaalaa Riyoo Dejeneeroo, Maamilaanii fi Paaris waliin mari’ataniru.

Aadde Adaanech Fooramii Idil Addunyaa Waliigaltee Imaammata Nyataa Magaalaa Miilaan 8ffaarratti Kantiibaa Riyoo Dejeneeroo Edwaardoo Daakoostaa, Ittaanaa Kantiibaa fi Ittigaafatamaa Mijaa’ummaa Soorataa Magaalaa Maamiilaan Aanaa Iskaavuuzoo akkasumas Ittaanaa Kantiibaa Magaalaa Paariis Odiree Pulvaar waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin hariiroo gamlamee cimaa magaalota gidduutti bu’uuressuu fi walta’iinsa itti fufiinsa qabu cimsuu, darbees, hariiroo obbolummaa magaalotaa jalqabuuf dhimmoota dandeessisanirratti mari’achuu ragaan Waajjira Kantiibaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.