Fana: At a Speed of Life!

Obbo Ahimad Shideen Ministira Misoomaa Ingiilizi waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2015 (FBC) – Ministirri Ministeera Mallaqaa Obbo Ahimad Shidee Yaa’ii waggaa Baankii Addunyaa fi Dhaabbata Mallaqa Addunyaa cinaatti, Ministira Misooma Ingiilizi Viiki Fordi waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin, halaa yeroo siyaasaa fi dinaagdee Ityoophiyaarratti mari’achuu ragaan Ameerikaatti Embaasii Ityoophiyaa irra argamee ni mul’isa.

Obbo Ahimad Shideen marii isaaniin , mootummaan rifoormii dinagdee tasiseen, adeemsa marii nageenya keessaati rakkoolee mudatanii fi dhimmoota walqabatan irratti ibsa laataniiru.

Kana malees, riifoormicha hojiirra oolchuu fi Ityoophiyaa rakkoolee mudatan furuuf Dhabbanni Maallaqaa Addunyaa fi dhaabbileen deeggartoota misoomaa deeggarsa barbaachisaa akka taasisan ministirichi hubachiisaniiru.

Ministirri Misoomaa Ingiliz Viikii Fordi gama isaaniin, riiformii mootumman taasisaa jiru akka dinqisiifatan ibsaniiru.

Dabalataan, adeemsa marii nageenyaa akka deeggaran eeruun, Ingiliz, misooma Ityoophiyaaf deeggarsa taasisuu itti fufti jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.