Fana: At a Speed of Life!

Oomishaalee Ataraa fi Saliixarraa callaa kuntaalli miiliyoonni 11 ol ni eegama – Ministeera Qonnaa

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2015 (FBC) – Bara oomishaa kana Oomishaalee Ataraa fi Saliixarraa callaa kuntaalli miiliyoonni 11 ol kan eegamu ta’uu Ministeera Qonnaa beeksise.

Lafti hektaarri kumni dhibbi 4 fi kumni 50 oomisha Saliixaan uwwifamee yeroo ammaa sassaabbirra jiraachuu Ministeerri Qonnaa ibsa Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif ergeen himeera.

Lafti hektaarri kumni dhibbi 3 fi kumni 30 ol ammoo oomisha Ataraan uwwifamuu ministeerichi ibseera.

Kana keessaa gosa lamaaniinuu lafti hektarari kumni dhibbi 2 fi kumni 0l Kilaasteraan kan misoome ta’uu Ministeera Qonnaatti Itti gaafatamaan Damee Deeksii Sabsii duraa midhaan dheedhii fi Zayitaa Obbo Fissahaa Tolasaan dubbataniiru.

Oomishaaleen kunneen harki caalu naannoo Amaaraatti kan argaman ta’uu himameera.

Zufaan Kaasahuuntu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.