Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Alaabaa Waajiraa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti kabajame

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2015 (FBC)- Guyyaan alaabaa 15ffaan sadarkaa Naannoo Oromiyaatti mooraa Waajiraa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti bakka hooggantoonnii fi hojjattoonni sektaraalee garaagaraa argamanitti kabajameera.

Guyyichi mata duree “Alaabaan Keenya Ibsituu Heddumminaafi Utubaa Birmadummaa Keenyaati” jedhuun kabajameera.

Itti Gaafatamaan Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Mogos Eda’ee saganticharratti argamuun haasawaa taasisaniin, Alaabaan ibsituu birmadummaa fi mallattoo eenyummaa biyya tokkoo waan ta’eef alaabaa keenyaaf kabaja barbaachisaa laachuun murteessaadha jedhaniiru.

Guyyaa kabaja alaabaa marsaa 15ffaa kana sababeeffachuunis sirni waadaa galuu hirmaattotaan raawwatamuu ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.