Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Taayyeen Afrikaatti Daayrektara Waldaa Qaxxamura Diimaa Idil Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2015 (FBC) – Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Ergamaan Addaa Ityoophiyaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen Afrikaatti Daayrektara Waldaa Qaxxamura Diimaa Idil Addunyaa Paatiriik Yeesuuf waliin mari’ataniiru.

Dhiyeessa deeggarsa namoomaa dabalatee dhimmoota adda Addaarratti mari’achuu isaanii Ambaasaaddar Taayyeen fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin barreessaniiru.

Tajaajila hunda galeessa dhaabbatichi Ityoophiyaatti laachaa jiru ilaalchisees mari’achuu himameera.

Ityoophiyaatti uwwisa deeggarsa namoomaa waliin ga’uuf murannoon jiraachuu marii isaaniin kaasaniiru.
Haala nageenyaa giddu galeessa taasiisuun tajaajiloota jiru fooyyeessuuf tumsaan kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.