Fana: At a Speed of Life!

Paakistaanitti Embaasiin Ityoophiyaa lammiilee paakistaan balaa lolaan midhamaniif deeggarsa taasise

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2015 (FBC)- Paakistaanitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Jamaal Bakar Paakistaan Bulchiinsa Sindiitti lammiilee biyyattii balaa lolaan midhaman kuma 8’f deeggarsa namoomaa dhiyeessan.

Deeggarsichis, nyaata, qoricha, dunkaanaa, fi meeshaalee nyaata hintaanee ta’uu ragaan embaasicharraa argame ni mul’isa.

Balaa lolichaan namoonni kuma 1 fi 600 ol du’uu ragaaleen ni mul’isu.

Dabalataan Manneen miiliyoona 1.7 yoo manca’an beeyladonni kuma 800 ta’an du’uun eerameera.

Kana malees, bu’uuraaleen misoomaa, manneen barnootaa fi tajaajiloonnni biroon manca’uu fi addaan cituu Ambaasaaddar Jamaal Bakar ibsaniiru.

Amabaasaddar Jamaal balaa mudateen gaddaa itti dhagamee ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.