Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan muuxannoo misoomaa haaraa qindeessuun guddina eegaltee cimsitee itti fufti- Shii Jiinpiingi

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2015 (FBC)- Chaayinaan wixineewwan misoomaa haaraa fi muuxannoo qabdu qindeessuun guddina misoomaa eegaltee cimsitee itti fufti jedhan Pireezidaantiin Chaayinaa Shii Jiinpiingi.

Yaa’iin Paartii Komunistii Chaayinaa guyyaa har’aa giddugala biyyattii Beejiingitti gaggeeffamuu eegaleera.

Gabaasa paartichaa kan dhiyeessaan Shii Jiinpiing, Chaayinaan wixineewwan misoomaa haaraa fi muuxannoo qabdu qindeessuun guddina misoomaa eegaltee cimsitee akka itti fuftu ibsan.

Gama hundaan, daandii misoomaa hordofuun biyya sooshaalistii ammayyooftee fi badhaate ijaaruun barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Kanaaf falaasamaa sooshaaliizimii haala qabatamaa Chaayinaa ammaa waliin walsimsiisuun hojiirra oolchuun murteessaadhas jedhan.

Keessumaa, diinagdee biyya keessaa guddisuu, carraa hojii uumuu jajjabeessuu fi walitti hidhamiinsa diinagdee addunyaa irratti dhiibbaa gaarii uumuu qabna jedhaniiru.

Diinagdee Chaayinaa guddisuun badhaadhummaa lammiilee dhugoomsuuf damee hundaan tokkummaa fi qindoominaan hojjechuun murteessaa ta’uu hubachiisuu Zhinwaan gabaaseera.

Paartiin Komunistii chaayinaa bu’aalee jijjiiramaa haaraa fideeraa kan jedhan Shii Jiinpiing, kanaan hiyyummaa biyyattii balleessuun jireenya lammiilee fooyyessuuf hojiilee hedduun hojjetamuu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.