Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Ityoophiyaa Turkitti dhoo’iinsa muudateen miidhaa qaqqabeef gaddi itti dhaga’amuu ibse

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2015 (FBC) – Mootummaan Ityoophiyaa Riippaabliika DiimookiraatawaaTurkii bulchiinsa Baartiinitti dhoo’iinsa muudateen miidhaa qaqqabeef gaddi itti dhaga’amuu ibseera.

Bulchiinsa Baartiiniitti iddoo Albuuda baasanitti dhoo’iinsa muudateen miidhaan qaqqabuu ibsameera.

Mootummaan Ityoophiyaa miidhaa qaqqabeef gaddi itti dhaga’amuu ummataa fi mootummaa Turkiif ibsuun maatii lammiilee miidhamaniif jajjabina hawweera.

Balichaan lubbuun namoota 41 yoo darbuu, namoota 11 irra ammoo miidhaan qaamaa qaqqabuu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.