Fana: At a Speed of Life!

NATOn kallattiin Raashiyaa waliin waraana keessa yoo seene badii idil addunyaa qaqqabsiisa –Pireezidaanti Putiin

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2015 (FBC) – Pireezidaantin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin Waraanni Waadaa Kaaba Atlaantik kallattiin Raashiyaa waliin waraana keessa yoo seene, badii idil addunyaa qaqqabsiisa jedhuun akeekkachiisan.

Adeemsi NATO kun badii idil addunyaa qaqqabsiisuu akka danda’u walga’ii Giddula Eeshiyaa – Raashiyaa Astaanaatti gaggeeffamurratti dubbii taasiisaniin ibsaniiru.

Walitti bu’iinsa Raashiyaa fi Yuukreen hordofee biyyoonni Lixaa Yuukreeniif deeggarsa maallaqaa fi meeshaalee waraanaa hedduu taasiisuu eeraniiru.

Ameerikaan irra deddeebiin Yuukreeniif meeshaalee waraanaa ammayyaa’oo deeggarsa taasiisuu kaaaniiru.

Tibba darbe Haleellaa Misaa’eelaa Raashiyaan magaalaa guddittii Yuukreenitti raawwatte hordofee biyyoonni miseensa NATO meeshaalee farra misaa’eelaa Yuukreeniif erguun qophii taasiisuu isaanii Pireezidaanti Putiin dubbataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.