Fana: At a Speed of Life!

Hidhi Haaromsaa baatiiwwan sadan darban Giiggaa Waattii 411 maddisiiseera

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2015 (FBC) – Hidhi guddicha Haaromsa Ityoophiyaa baatiiwwan kurmaanaa jalqabaa bara 2015 anniisaa elektirikii sa’aatiitti Giiggaa Waattii 411 maddisiisuu Hoji Gaggeessituun Waajjira Oppireeshinii Maddisiistota Humnaa Aadde Xiruwarqi Shifarraa ibsan.

Barana kurmaana jalqabaatti Inarjii Giiggaa Waattii kuma 4 fi 98 maddisiifame keessaa Hidhi Haaromsaa giiggaa waattii 411 maddisiiuu Aadde Xiruuwarqi ibsaniiru.

Kanaanis annisaa %10 gumaacheera jedhan.

Yuunitoonni dhiyeenya anniisaa maddisuu eegalan lama tokkoon tokkoo isaaniin Meeggaa Waattii 375 maddisiisuu kan danda’an yoo ta’u baatiiwwan sadan darbanitti qofaa sa’aatiitti Giiggaa Waattii 411 maddisiisuun Kuusaa Humna Elektirikaa Biyyaalessaatti galchuun akka danda’ame ragaan Humna Elektirikiirraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.