Ityoophiyaatti tasgabbiin dhabamuuf deebiin biyyoonni Lixaa kennan dhugaarratti kan bu’uureffate miti-Pirof. Aan Fiitzi Jeeraald
Finfinnee, Onkololeessa 4, 2015 (FBC) – Walitti bu’insaa fi tasgabbiin dhabamuu Ityoophiyaa ilaalchisee deebiin biyyoonni Lixaa kennan, dhugaarratti kan bu’uureffate miti jedhan Kanaadaatti Daayrektarri Mana Barnootaa Dhimmoota Idil Addunyaa Watarlo Baaziil Pirofeesar Aan Fiitzi Jeeraldi.
Waltajji marii hawaasaa qopheessummaa Yuunivarsiitii Jimmaatiin gaggeeffameera.
Waltajjichaarratti Pirofeesar Aan, walitti bu’iinsaa fi tasgabbiin dhabamuu Ityoophiyaatti mudateef deebiin biyyooni Lixaa kennan madaalawaa miti jedhaniiru.
Waraana kutaa Kaaba biyyattiitti mudaterratti giddu seentummaan seeraan alaa fi fedhiin naannawicha addaan qoqqooduu hedduu mul’ateera jedhan.
Sababa ilaalcha waldhahaa biyyootaa Lixaan naannoo Amaaraa fi Afaaritti miidhaamtootaaf deeggarsi namoomaa akka dhiyaatu xiyyeeffannaa akka hinkennine eeraniiru.
Pirofeesar Aan Ityoophiyaan qormaata keessa wayita seentetti karaa garaagaraan haqa Ityoophiyaa addunyaaf mul’isuuf tattaaffi taasisaniif Yuunivarsiitii Jimmaarraa beekamtiin kennameerafi.
Saganticharratti Ministeera Dhimma Alaatti Daayrektara Jeneraalaa Paabilik Dippilomaasii Ambaasaaddar Diinaa Muftii dabalatee hawaasni Yuunivarsiitii Jimmaa argamaniiru.
Muktaar Xahaa fi Tamasgeen Allabbaachootu gabaase
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.