Jilli Dippiloomaasii Ashaaraa Magariisaa Ityoophiyaa Jibuutii gale
Finfinnee, Onkololeessa 4, 2015 (FBC) – Obbolummaa Afrikaanotaa Cimsuufi dippiloomaasii misooma magariisaa beeksisuurratti kan kaayyeffate jilli Dippiloomaasii Ashaaraa Magariisaa Ityoophiyaa Jibuutii galeera.
Jilichi Jibuutii Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Amaboolii wayita gahu Jibuutiitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayeefi hoggantoonni olaanoon Jibuutii simannaa taasisuufi ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaarraa argame ni mul’isa.
Sosochiin Ashaaraa Magariisaa biyyoota ollaatti taasifamaa jiru hariiroo uummattootaa biyyoota lameenii cimsuurra darbee obbolummaafi tokkummaa ni cimsa jedhamee kan eegamu ta’uu eerameera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.