Fana: At a Speed of Life!

Michummaan Ityoo-Chaayinaa daran akka cimuuf Paartiin Badhaadhinaa ni hojjeta- Obbo Adam Faarahi

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2015 (FBC) – Ittaanaan Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faarahi Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Chaayinaa Ziihaawoo Ziihuwaan waliin dhimmoota garaagaraarratti mari’ataniiru.

Mariisaaniin, fayyadamummaa waloo guddisuuf, hariiroo dippiloomaasii biyyoota lameenii cimsuuf akkasumas filannoowwan invastimantii babal’isuurratti mari’ataniiru.

Michummaan Ityoo-Chaayinaa waggoottan dheeraa lakkoofsise daran akka cimuuf Paartiin Badhaadhinaa ciminaan kan  hojjetu ta’uu  Obbo Adam Faarahi eeraniiru.

Ityoophiyaan rakkoolee garaagaraa keessa darbaa jiraattus dameewwan addaa addaan milkaa’inoota galmeessaa jiraachuu eeraniiru.

Hariiroo mootummoota biyyoota lameenii cinaatti sadarkaa paartiitti hariiroon Paartii Badhaadhinaafi Paartii Kooministii Chaayinaa akka cimuuf Paartiin Badhaadhinaa fedhii qabaachuu ibsuu isaanii ragaan paarticharraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Chaayinaa Ziihaawoo Ziihuwaan gamasaaniin, Ityoophiyaan deeggartuu tarsiimoo Chaayinaa cimtuu ta’uu ibsuun, hariiroon kun gara sadarkaa olaanaatti akka guddatuuf mootummaan Chaayinaa ciminaan kan hojjetu ta’uu dubbataniiru.

Milkaa’inoota hooggansa Paartii Badhaadhinaan argaman hundaaf beekamtii kan kennan ta’uu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.