Godina Gondaritti Boombiin 40 to’atamuu ibsame
Finfinnee, Onkololeessa 4, 2015 (FBC) – Godina Gondar aanaa Matammaa ganda Gubaayitti Boombiin F1 40 gocha shororkeessummaaf ooluuf ture to’atamuu poolisiin beeksise.
Koreen Qimaant garee shororkeessaa ABUT waliin ta’uun gochaa shororkeessaaf oolchuuf kan turan boombiin F1 jedhamu 40 shakkamtoota 2 waliin to’atamuu Poolisii aanichaatti hogganaan qorannoo taaktikaa gargaaraan Inspeektaraa Chakkol Warqee eeraniiru.
Boombichi eeruu uummataafi hordoffii humnoota nageenyaan to’atamuu ragaaan komishinii poolisii naannoo Amaaraarraa argame ni mul’isa.
Gama biraan konkolaataan fe’umsaa ISUZU jedhamu ka’umsa isaa Gambeellaarraa taasifatee kilaashinkoovii 15 dhoksaan fe’ee gara Goojjam Bahaa Marxoo Lamaariyaamitti imalaa ture qaamolee nageenyaan magaalaa Finfinneetti to’atamuu madden dhimmichatti dhiyeenya qaban mirkaneessaniiru.
Meeshaaleen kunneen namoota meeshicha daddabarsuun shakkaman 2 waliin to’atamuu ibsameera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.