Fana: At a Speed of Life!

Gatiin gurgurtaa sibiilotaa fi konkolaattota hojiin alaa ta’anii ifoome

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2015 (FBC) – Mootummaan sibiilotaa fi konkolaattota hojiin ala ta’an dhaabbilee garaagaraatti argaman gurguruuf gatii gurgurtaa ifoomseera.

Ministeerri Albuudaa fi Abbaan Taayitaa Bittaa fi Qabeenyaa Mootummaa ibsa miidiyaaleef kennaniiru.

Ministirri Ministeera Albuudaa Injiinar Taakkalaa Uumaa ibsichaan kuufamni sibiilaa Ityoophiyaatti argamuu qoratamaa jiraachuu ibsanii, qorannichi hanga xumuramutti sharafa alaa hambisuuf sibiilota biyyaa keessaa tajaajilaan alaa ta’an fayyadamuuf hojitti seenamuu himaniiru.

Waajjiraalee mootummaa hundaa fi dhaabbilee waamamoon akkasumas qabeenyi dhuunfaa tajaajilaan alaa gabaaf yoo hindhiyaannee ittigaafatamumma kan hordofsiisu ta’uun ibsameera.

Daayrektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Bittaa fi Qabeenyaa Mootummaa Haajii Ibsaa, sibiilotaa fi konkolaattota tajaajilaa ala ta’an akka gurguraman dhaabbilee mootummaa 169 fi dhaabbilee misoomaa mootummaa 36’f qajeelfamni darbuu yaadachiisan.
Adeemsa ammaan akaakuu sibiilotaan gatiin gurgurtaa ifoomeera.

Haaluma kanaan, akaakuuwwan sibiilotaa kiiloo giraamaan kan murtaa’e yoo ta’u, ‘Istiil’ Birri 64, ‘Kaasti Ayiran’ Birrii 51.71, konkolaataa yookaan maashinarii daanda’ee fi konkolaataan tajaajile yookaan maashinariin tajaajile Birrii 51.25’n akka gurguraman murtaa’eera.

Ityoophiyaan waggaatti sibiila alaa galchuuf sharafa olaanaa kan baastu yoo ta’u bara 2013/14 qofa Doolaara biiliyoona 2.5 baasuu ibsichaan eerameera.

Miniyichil Azzazaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.