Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan uwwisa Humnaa ishee guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetaa jirti – Obbo Ashabbir Baalchaa

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2015 (FBC) – Ityoophiyaan dhiyeessii humnaa guddisuun walitti hidhamiinsa naannawaa Baha Afrikaa dhugoomsuuf hojjechaa jiraachuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Humna Elektirikaa Ityoophiyaa Obbo Ashabbir Baalchaan ibsan.

Waltajjiin Hoggantoota fi ogeeyyii Inarjii biyyoota miseensa Kuusaa Humnaa Baha Afrikaa hirmaachise gaggeeffamaa jira.

Ityoophiyaan uwwisa Humnaa ishee guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetaa jiraachuu Obbo Ashabbir Baalchaan haasawa waltajjirratti taasiisaniin ibsaniiru.

Buufataalee raabsaa fi daddabarsa Humna babal’isuun bara 2025tti Uwwisa Elektirikaa % 100 waliin ga’uuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Jiibuutii fi Sudaan waliin tumsi Humnaa uumamuu fi yeroo dhiyoottis Keeniyaa waliin hariiroo uumaaf hojjetamaa jiraachuu Obbo Ashabbir eeraniiru.

Yeroo itti aanu dhiyeessii humnaa guddisuun walitti hidhamiinsa naannawaa Baha Afrikaa dhugoomsuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Ityoophiyaan kaayyoo Kuusaa Humnaa Baha Afrikaa milkeessuuf murannoo qabaachuu mirkaneessuu ragaan Humna Elektirikaa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.