Oomishini nyaata beelladaa gibira irraa bilisa taasifamuufi
Finfinnee, Onkololeessa 4, 2015 (FBC) – Oomisha nyaata beelladaa gibira irraa bilisa taasisuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksise.
Ministeerichatti hojii raawwachiisaan misooma qabeenya nyaata beelladaa Arayaa Abrahaam, rakkoo gatii nyaata beelladaan walqabatu fooyyessuuf bittaafi gurgurtaa nyaata beelladaa gibira irraa bilisa taasisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Kanaafis danbiin qophaa’aa jiraachuu eeruun, baatii Sadaasaa irraa eegalee hojiirra ni oola jedhaniiru.
Kana malees qonnaan bultoonniifi qaamoleen horsiisa beelladaarratti bobba’an nyaata beeelladaa haalaan oomishuun dhiyeessii isaa amanamaa taasisuuf piroojektiin misooma nyaata beelladaa bocamee hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Ministeerichi oomisha nyaata beelladaa gibira irraa bilisa taasisuuf kan murteesse gatiin bu’aalee oomisha beelladaa yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufuun hawaasarraan miidhaa guddaa geessisaa jiraachuu waan hubateefi jedhan.
Salamoon Yittaayyawutu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.