Dargaggoonni Afrikaa damee Diijitaalaa fi Teeknooloojii Ityoophiyaarratti akka hirmaatan wamicha dhiyaate
Finfinnee, Onkololeessa 3, 2015 (FBC) – Dargaggoonni Afrikaa damee Diijitaalaa fi Teeknooloojii Ityoophiyaarratti akka hirmaataan wamicha dhiyaateera.
Yaa’iin dargaggoota Afrikaa Burrundiitti gaggeeffamaa jira.
Burrundiitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Dhaabaa Dabaleen yaa’icharratti argamuun dargaggootaa fi hirmaattota yaa’ichaaf waa’ee Diinagdee Diijitaalaa fi Teeknooloojii Ityoophiyaa ibsa taasiisaniiru.
Filannoowwan Invastimantii damichaan jiru ilaalchise ibsa taasiisaniiru.
Ityoophiyaan damichaaf xiyyeeffannoo olaanaa laachuu isheen dargaggoonni ardichaa akka irratti hirmaatan waamicha dhiyeessuu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.