Fana: At a Speed of Life!

Jilli Dippiloomaasii Ashaaraa Magariisaa Ityoophiyaa magaalaa Naayiroobii gale

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2015 (FBC) – Jilli dargaggoota Dippilomaasii Misooma Ashaaraa Magariisaa Ityoophiyaa Keeniyaa Magaalaa Naayiroobii galeera.

Jilichi wayita Naayiroobii gahu Keeniyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Baacaa Dabaleen simannaa taasisaniifiiru.

Waajjira Muummee Ministeeraatti Qindeessaan Wiirtuu Ijaarsa Sirna Diimokiraasii Dooktar Biqilaa Hurriisaan, Kan dhufne biqiltuu dhaabuuf qofa osoo hin taane obbolummaa cimsuufi jedhaniiru.

Jijjiirama qabeenya qilleensa addunyaa qormaata keessa galche duula Ashaaraa Ityoophiyaan taasistu qofaan ittisuun waan hin danda’amneef Afrikaanonni waliin hojjechuu akka qaban kaasaniiru.

Miseensonni jilichaa guyyaa boruu magaalaa Naayiroobiitti anga’oota olaanoo biyyattii waliin ta’uun biqiltuu kan dhaaban ta’uu ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.