Fana: At a Speed of Life!

Piyoongiyaang Ameerikaa fi Kooriyaa Kibbaa akeekkachiifte

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2015 (FBC) – Kooriyaan Kaabaa Misaa’eela fageenya dheeraa imalu Kiruuz jedhamu forgugsuun Ameerikaa fi Kooriyaa Kibbaa Akeekkachiifte.

Biyyattiin humna Niiwykileeraa ishee muul’isuuf yaalii misaa’eela fageenya dheeraa imaluu danda’u taasiifteerti.

Kooriyaan Kaabaa Misaa’eela Galaanarra Kiiloo Meetira kuma 2 imaluu wayita furgugsitu Bulchaan biyyattii Kiim Joong Uun argamuun daawwataniiru.

Gammachuu guddaan itti dhaga’amu ibsuu isaanii maddi oduu biyyattii KCNA jedhame gabaaseera.

Yaaliin kun diinoota Kooriyaa Kaabaaf of akeekkachiisoo guddaa ta’uu dubbataniiru.

Ameerikaa fi Kooriyaan Kibbaa shaakala waraanaa waloo gaggeessuu isaanii hordofee Kooriyaan Kaabaa deebii isaaf Misaa’eela fageenya dheeraa kana furgugsuu ishee TRT gabaaseera.

Piiyoongiyaang Bara Faranjootaa darbe Fulbaana 5 eegaltee Misaa’eeloota Baalaastiikaa 7 furgugsuu isheen kan yaadatmuudha.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.