Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni NATO Yuukreeniif meeshaa farra miisaa’elaa kennuuf waadaa galan

Finfinnee, Onkoloolessa 3, 2015(FBC)- Biyyoonni miseensa NATO Yuukreeniif deeggarsa  meeshaa farra miisaa’elaa taasisuuf waadaa galuu gabaafame.

Biyyoonni kunneen deeggarsa farra misaa’elaa Yuukreeniif taasisan akka guddisan kan beeksisan, haleellaa miisaa’elaa Raashiyaan   magaalaa guddoo Yuukreen Keeyiiv irratti raawwatte hordofee ta’uu ibsameera.

Biyyoonni miseensa dhaabbatichaa 50 ta’an Waajjira Olaanaa NATO Biraasalsitti argamutti wal arguun dhimma waraana Raashiyaafi Yuukreen akkasumas dhimmoota garaagaraarratti mari’ataniiru.

Marichaan booda biyyoonni miseensa dhaabbatichaa meeshaalee farra misaa’elaa ammayyaa ta’an Yuukreeniif kennuuf waadaa gala jiru.

Biyyoonni akka Ameerikaa, Ingiliz, Kaanaadaa, Faransaayiifi Neezarlaand meeshaalee farra miisa’elaa dabalataan deeggarsa Raadaariifi miisaa’elaa kan taasisan ta’uu ifoomsaniiru.

Kana malees meeshaan farra miisa’elaa Jarman Yuukreen gahuu BBCn gabaaseera.

Ingiliz meeshaa farra miisaa’elaa dabalataan xiyyaarota nam-maleeyyii dhibbatti lakkaa’aman tajaajila odeeffannoofi loojistikiif kan oolan kan deeggartu ta’uu beeksisteetti.

Kanaadaan gamasheen Xiyyaarota nam-maleeyyii Doolaara miiliyoona 34 baasan, saatalaayitiiwwaniifi meeshaalee waraanaa ammayyaa deeggarsa taasisuuf waadaa galuu gabaafameera.

Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin biyyoonni kunneen deeggarsa Yuukreeniif taasisan akka dhaaban irra deddeebiin akeekkachiisaa turuun isaanii kan yaadatamudha.

Haata’u malee biyyoonni kunneen akeekkachiisa Pireezidaantichaa cinaatti dhiisuun deeggarsa Yuukreeniif taasisan cimsanii itti fufaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.