Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti waggoottan arfan darbanitti biqiltuun bunaa biiliyoonni 4 dhaabamaniiru- Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Onkoloolessa 3, 2015(FBC)- Naannoo Oromiyaatti waggoottan arfan darbanitti biqiltuun bunaa biiliyoonni 4 dhaabamuu Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Obbo Shimallis ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, waggaa afur dura mootummaan naannichaa innisheetiivii waliigaltee buna Naqamtee jedhu raggaasisuun gara hojiitti galuu yaadachiisaniiru.

Bu’uuruma kanaan waggoottan arfan darbanitti biqiltuun bunaa biiliyoonni 4 dhaabamuufi daldalli al-ergii bunaa dabaluu kaasaniiru.

Ityoophiyaan bara baajataa 2014tti daldala al-ergii bunaa toonii kuma 300 irraa Doolaara biiliyoona 1.42 argatteetti.

Galichi kan bara 2013 waliin walbira qabamee yoo madaalamu %21 dabaleera.

Bara baajataa kanatti daldala al-ergii bunaarraa galii Doolaara biiliyoona 2 argamsiisuuf karoorfameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.